ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Guyyaa dhufee darbuun qe’ee ilmaan Oromootti gadda uwwisaa kan oolu faashistichi abbaa irree impaayerattii Abiy Ahimed, gochoota hammeenyaa isaa kana ittuma fufuun guutuu Oromiyaa keessatti goolessitoota waraana isaa uummatatti duulchisuun gadda manneen hawaasaatti uwwisaa oola.
Amajjii 26, 2025 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Aadallee Kasoo jedhamutti milishaan sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Hassaabuu Roorroo jedhamu badii tokko malee bakka cidhaatti itti dhukaasuun madeessuun dhaga’ame.
Dargaggoon kunis Hospitaala Karlii Mattuutti geeffamuun yaalamaa turee dandammachuu dadhabuun guyyaadhuma sana halkan keessaa toora sa’a 2:00’tti lubbuun isaa darbuu maddeen ONM’f eeran.

