Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee keessatti milishoonni sirnichaa dargaggoo tokko rasaasaan rukutanii ajjeesuun dhaga’ame 

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Adoolessa 21, 2025 milishoonni murna Bilxiginnaa Baha Harargee Magaalaa Qobboo keessatti dargaggoo maqaan isaa Bakkalchaa Seeyifuu jedhamu, halkan itti dhaquun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattoonni magaalichaa ONM’tti himan.

Balleessaa qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaaf biyya abbaa isaa irratti lubbuu uummata Oromoo soora rasaasaa gochuu kan adeeffattan eegdonni sirna moofaa Minilik, qawwee baatanii deemanitti dhimma ba’uun guyyuu yakkoota garaagaraa ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiru.

Murni badee balleessaan dhiiga ilmaan hiyyeessaa dhangalaasaa oolu abbaan irree impaayerattii Bilxiginnaan saamtotaa fi shiftoota teessoo isaa tiksan qe’ee uummata nagaatti bobbaasee manneen namootaatti gadda uwwisaa jiraachuun kan mul’atuudha.

Exit mobile version