Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee magaalaa Goree keessatti poolisiin idilee sirnichaa dargaggoo tokko rasaasaan rukuchuun yoo madeessan, namoota irratti reebichi hammaate

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraanni sirnichaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru ija Addunyaa jalaa dhokachuun uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 26, 2024 toora sa’a 6:00 irratti hidhattootni sirnichaa maqaan isaa Rattaa jedhamu dargaggoo maqaan isaa Baaraddiin Arabuu jedhamu sababa tokko malee rasaasa itti dhukaasuun yoo madeessu, dargaggoon kunis yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti akka argamus dabaluun dubbatu.

Dargaggoon kunis balleessaa kan hin qabnee fi haaloo dhuunfaa irraa qabu ba’aachuuf jecha meeshaa harkaa qabutti dhimma ba’uun akka rukutes ibsan.

Loltuun Rattaa jedhamu kun torban darbes dargaggoo Amanu’eel Ayyaanaa jedhamu milishoota waliin ta’uun reebanii ajjeesuuf yeroo jedhutti fiigee akka harkaa ba’e himuun, namni Rattaa jedhamu kun dargaggoota kan hin jaallannee fi sabaan Amaaraa ta’uus maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version