ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Koloneel Abiy Ahimed bara gara aangoo Impaayerattiitti dhufe namoota biratti amanamummaa argachuu fi of jaallachiisuuf jecha afaan dhadhaa dibatee qorannu malee hin hiinu jechuun yoo dubbatu, garuu faallaa isaa ammoo waadaa uummataaf gale dagachuun uummata Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galchee jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Mata Horaa keessatti Onkoloolessa 14, 2024 milishoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Ammad Sheek Alii jedhamu badii tokko malee haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.
Dargaggoon milishoota sirnichaan haala suukkaneessaa ta’een ajjeefame kun hojii qonnaa hojjechuun kan maatii isaa jiraachisu malee deggaraa paartii dhaaba kamiiyyuu akka hin taane dubbatu.
Milishoonni sirnichaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun araada itti ta’e kun Oromummaa isaa qofaan yakkuun dargaggoo kana mana isaatti itti seenanii osoo harmeen isaa boossuu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni gandichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo ganduma Mata Horaa keessaa Onkoloolessa 1, 2024 milishoonni sirnichaa nama maqaan isaa Mahaammad Umaroo Baxxee jedhamu qabuun reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’anii mana hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuun beekame.
Namni kunis badii dalageef osoo hin taane waan hawaasa naannichaa biratti jaallatamaa ta’ee fi uummanni isa dhaga’uuf hawaasa nu irratti kakaastee dammaqsaa jirta maqaa jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

