ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Murna bilxiginnaa biratti mirgi daa’immanii kabajamuu dhabuun daa’ima waa’ee siyaasaa hin beekne lafa horii tiksanitti tiksitoonni sirnichaa rasaasa itti dhukaasuun qaama hir’uu taasisanii jiru.
Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Yaatuu keessatti Hagayya 3, 2024 milishoonni sirnichaa ganda Marar qubsiifamanii jiran daa’ima ganna 13 kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Adamee jedhamu toora sa’a 5:00’tti osoo inni loon biraa qe’eetti galaa jiruu PKM’n osoo hin hafne dhukaasa irratti bananiin harka isaa irra madeessuu jiraattonni gandichaa eeran.
Iddoo daa’imni kun kufetti rukutuun osoo maatiin isaa boo’anii yaala tokko malee fuudhanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa eeranii jiru.
Guyyuma daa’ima kana madeessan namoota hedduu olii fi gadi ari’uun uleedhaan tumanii qe’ee irraa akka isaan buqqa’an taasisuun yeroo ammaa namoonni hedduun waqtii ooyruu ofiitti bobba’uun namuu dalagatutti manaa fi qabeenyaa isaanii irraa milishoota murna bilxiginnaa kanaan ari’amaa akka jiran jiraattotni gandichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

