ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Kaayyoon murna Bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeechaa fi hidhaan jiilchee” anatu siif beekaan of jalatti cafaqee bulchuu yoo ta’u, namoota deggeraa paartii Badhaadhinaa hin taane kamuu ammoo guutuu Oromiyaa keessatti deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti, maatii qabsaa’otaa fi shororkeessitoota jedhamuun hidhattoota murna Bilxiginnaan yakkoonni namoomaa ajjeechaa qabee hanga hidhaatti irratti raawwatamaa jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa keessatti Sadaasa 12, 2024 hidhattootni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Ahimadee jedhamu qunnamtii WBO qabda ittiin jechuun qabanii reebicha cimaa irratti raawwataniin miidhamee yeroo ammaa mana hidhaa keessatti yaala tokko osoo hin argatin du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattotni himan.
Magaaluma Booraa keessaa baatii darbe Onkoloolessa 10, 2024 milishoonni sirnichaa haadholii 2 Aadde Araggaash Mahaammad Dukkoo haadha ijoollee 4 kan taatee fi Faaxumaa Aliyyii Yaasin haadha daa’ima takkaa fi ulfa baatii 6 kan taate WBO’f eeruu laattu ittiin jechuun reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun barameera.
Waan nama gaddisiisu gareen dhala namaaf naasuu hin qabne milishoonnii fi poolisoonni PP haadholii kanneen galgalaa fi ganama waamanii gadi baasuun qaama isaanii irratti bishaan naquun namoota 15-20 ta’uun dabareen itti wal darbanii hanga harki isaanii laafatutti tumanii yeroo isaan of wallaalan lafarra harkisuun mana hidhaa keessatti deebisu jechuun maddeen keessoo PP ONM’f himan.
Faaxumaa Aliyyii Yaasin ulfa ji’a 6 kan taate reebicha irratti raawwatameen haalli fayyummaa ishee akkaan yaaddessaa ta’uu ibsuun, nyaatallee soorachuu yeroo isheen dadhabaa jirtutti, poolisoonni PP mana yaalaa dhorkachuun dararaa irratti geggeessaa jiru jedhu.
Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessaa Sadaasa 14, 2024 hidhattootni sirnichaa maanguddoo ganna 60 maqaan isaanii Obbo Adam Guddaa jedhaman hiyyeessa homaa of harkaa hin qabne hojii humnaa hojjechuun maatii isaa kan jiraachisu hawaasa nu irratti kakaasaa jirta ittiin jechuun reebicha irratti geggeessanii waajjira poolisii magaalaa Sanbateetti hidhanii gidirsaa jiraachuun ibsameera.

