ONM-ABO Fulbaana 28, 2024
Sirni hawaasa qulqulluu irratti hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa raawwachuun akka waan nagaa buusaa jiruutti ilaallatu bilxiginnaan, golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo irratti gochoota sukkanneessoo fi egeree uummatichaaf yaaddessaa ta’a jedhanii amanan cufa loltoota gara jabeeyyii isaanii bobbaasuun guyyaa guyyaan dararrii adda addaa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti waraanni faashistii PP milishoota sirnichaa of dura buusuun qe’ee hawaasa nagaatti bobba’anii dhukaasa irratti bananiin namoota madeessuu, hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisaniiru.
Akkuma kanaanis Fulbaana 27, 2024 aanaa Dawwee Harawaa gandoota garaagaraa kanneen akka Callee, Haroorantii, Hinnaaroo, Dhagaaggee, Shaakkee fi Goora Zaayyaa jedhamutti waraanni faashistii PP fi milishoonni murna bilxiginnaa waliin ta’uun bobbaafaman dhukaasa namoota nagaa irratti bananiin miidhaa ulfaataa namootaa fi qabeenyaa jiraattotaa irraan ga’aniiru.
Namoonni hidhattoota murna bilxiginnaan ganda Shaakkee irraa madaa’an kun obboloota lamaan yoo ta’an, isaaniis Muusaa Mahaammad Hasan miillaa fi boquu irra yoo madeessan, Ahimed Mahaammad Hasan ammoo harka isaa irra rasaasaan rukutuun madeessaniiru.
Namoonni kunneen badii dalaganiif osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaan yakkanii iddoo ooyiruu isaaniitti rasaasaan madeessuun yaala tokko osoo hin argatin hidhaniiru jedhu maddeen.
Guyyuma kana Fulbaana 27, 2024 ganda Callee keessaa namoonni hidhaman Ahimadee Abiraahim Hasanii fi Mahaammad Aliitee ilma isaa Usmaan Mahaammad Aliitee yoo ta’an, namoonni kunneen osoo ooyiruu isaanii keessa jiranii hidhattootni murna maafiyaa PP kun itti marsuun qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Booraatti hidhanii jiru.
Namootni kunneen sababa dhiittaan mirgoota namoomaa hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin irratti geggeeffamaa jiruuf qe’ee gadi dhiisanii ooyiruu fi firoottan isaanii biratti galanii turuun ibsameera.
Dabalataan ergamtootni Bilxiginnaa kun Fulbaanuma 27, 2024 kana aanichuma ganda Sanqallee jedhamutti hawaasa cufa walga’ii dirqamaan baasuun, nuti isiniif halkanii fi guyyaa dhama’aa jirra, amma tokko tokkoon keessan qarshii 1000 hanga 2000 fidaa, qotiyyoo 2 kan qarshii 60,000 60,000’n torbee kana nyaanne isinii kaffalaa jechuun dirqamaan harkaa saamaa turuu isaanii dabaluun ibsaniiru.

