Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Milishoota sirnichaan Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhaa, reebicha, saamichaa fi buqqaatiin jiraattota nagaa irratti raawwatamu jabaachuu maddeen ONM’tti himan 

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Hidhattootni sirnichaa dandeettii waraanummaa tokkollee hin qabne yeroo adda addaatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bakkoota garaa garaatti bobbaafaman WBO dura dhaabbachuu dadhabuun of booda deebi’anii hawaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu, reebuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuu bartee taasifatanii hojjechaa oolu.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 20, 2024 milishoonni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun heddumminaan qe’ee hawaasaa ganda Sanqallee, Haroorantii, Callee fi kanneen biroo keessatti bobbaafaman ganda Haroorantii irraa daa’ima ganna 13 hin guunne Mahaammad Umar Qashii, Hasanoo Mahammad Yasufee, Usmaan Mahaammud Qaallichaa fi shamarree Aanshaa Abdallaa jedhaman garmalee reebuun bilbiloota isaanii harkaa saamuun hidhaatti darbataniiru.

Ilmaan Oromoo milishoota sirnichaan reebamuun hidhaman kunneen namoota umuriin isaanii 13-16 hin caalle yoo ta’an, hiikkaan siyaasaa illee maal akka ta’e kan hin beekne ta’anis, milishoonni sirnichaa sobaan yakkanii deggartoota WBO’ti fi hojii loojistikii WBO’f hojjettu jechuun kan hidhanii fi shamarree Aanshaa ammoo garmalee reebanii haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta’uu irraan kan ka’e bilbila harkaa saamuun gadi lakkisaniiru.

Milishoonni sirnichaa kun guyyuma kana ganda Haroorantii, Ciisaa Girjoo fi Sanqallee irraa namni tokko osoo hin hafne qe’ee irraa kan buqqisan yoo ta’u, gareen hattootaa milishoonni PP kun ammoo balbala namootaa caccabsanii ol seenuun qabeenyaa jiraattotaa hangana jedhanii tilmaamuuf nama rakkisu midhaan nyaataa fi warqeen dubartootaa osoo hin hafne saamanii deemuu jiraattotni saamaman kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version