Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaate

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Kibxata darbe Muddee 31, 2024 aanaa Dawwee Harawaa gandoota garaa garaa keessatti milishoonni sirnichaa fi waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman ganda Hagamsoo Daa’ootti maqaa deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun jaarsa biyyaa maqaan isaa Abbaa Hiddee (Nuuruu Garfaa) jedhamu midhaan ardaba 8 dabalatee mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessaniiru.

Guyyaadhuma kana Muddee 31, 2024  aanichuma keessatti hidhattootni murna Bilxiginnaa kunneen maanguddoota danuu maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun harka dudduubatti hidhanii garmalee reebuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisaniiru.

Maanguddoota kanneen keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. ganda Jajjabaa irraa Obbo Qaasim Buttaa
  2. ganda Fuula Galtuu irraa Obbo Kaabbitaa Yoosoo jaarsa ganna 80
  3. ganda Qurqurootaa irraa Obbo Mahaammad Umar Qalloo fi
  4. ganda Adaaloo irraa Obbo Xoyyib Hasan fi 

maanguddoota maqaan isaanii hin eeramin hedduu harka dudduubatti hidhuun ukkaamsanii mooraa waraana faashistii PP Sanqallee jedhamutti hidhanii turuu fi yeroo ammaa ammoo achi buutee isaanii dhabamsiisanii jiraachuu jiraattotni onichaa ONM’tti himaniiru.

Jaarsoliin biyyaa hidhattoota sirnichaan achi buutee dhabamsiifaman kunneen hawaasa naannichaa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu fi maqaa dharaan yakkamanii dhabamsiifamuunis ibsameera. 

Exit mobile version