Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota saamuu  jabeessan 

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Gareen saamichaaf of ijaaree guutuu Oromiyaatti bobba’e hidhattootni murna faashistii PP, guyyuu maqaalee adda addaa moggaafachuun saamicha daangaa hin qabne jiraattota irratti raawwachuu cimsanii itti fufaniiru. 

Obbo Tiyaam Awwal kan jedhaman maanguddoo ganna 70 olii jiraataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaati, Muddee 8, 2024 hidhattootni sirnichaa maqaa gibira funaanuu jedhuun manneen isaaniitti ol seenuun ilma keetu bosona jira jedhanii  qarshii 15,000 afaan qawween  sodaachisanii dirqiin harkaa saamanii deemuu jiraattotni dabaluun dubbatu.

Akkuma aanichaatti saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun hidhattoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaachuun  gibiraaf  qarshii 1000-2000’tti harkaa yoo saaman, inshuraansii fayyaaf ammoo 400-600’tti jiraattota irraa dirqiin saamaa jiraachuu fi namoonni maallaqa jedhame kana kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun hidhamaa fi reebamaa akka jiran jiraattotni onichaa ONM”tti himaniiru.

Exit mobile version