ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti lukkeeleen Bilxiginnaa akkuma armaan dura Amajjii 4, 2025 maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota doorsisanii saamaa turuu isaanii gabaasaa turre, yeroo ammaas baatii tokkicha keessa marsaa 2’ffaaf maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota afaan qawween sodaachisanii maallaqa humnaa olii harkaa saamuu jabeessanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaan aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaa garaa keessatti caasaaleen Bilxiginnaa Amajjii 18 fi 19, 2025 bifa adda ta’een maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaaf jedhuun marsaa 2’ffaaf gibiraaf qarshii 200-300 yoo fudhatan, inshuraansii fayyaaf ammoo qarshii 2500-3000 jiraattota harkaa fuuchaa jiraachuu maddeen keenya onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen keenya onichaa jedhanitti, namoonni gibiraa fi inshuraansii fayyaa marsaa 2’ffaaf jedhame kana hin kaffalle kan reebamanii fi hidhaman ta’uu himuun, nuti ammoo hidhaa fi reebicha sodaaf waan qabnu gurgurree kaffalaa jirra jechuun dubbatu.
Hidhattootni sirnichaa Amajjii 4, fi 5, 2025 gibiraaf jechuun qarshii 200 nu harkaa fudhataniiru, inshuraansii fayyaaf jechuunis qarshii 2000 nu kaffalchiisanii turan jechuun, saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaaf hattoota murna Bilxiginnaan nurratti raawwatamaa jiru kun akka kanaan itti fufnaan egereen keenya yaaddessaadha jechuun ibsaniiru.

