ONM-ABO Muddee 11, 2024
Gareen saamichaaf of ijaaree guutuu Oromiyaatti bobba’e hidhattootni murna faashistii PP, guyyuu maqaalee adda addaa moggaafachuun saamicha daangaa hin qabne jiraattota irratti raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.
Obbo Tiyaam Awwal kan jedhaman maanguddoo ganna 70 olii jiraataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaati, Muddee 8, 2024 hidhattootni sirnichaa maqaa gibira funaanuu jedhuun manneen isaaniitti ol seenuun ilma keetu bosona jira jedhanii qarshii 15,000 afaan qawween sodaachisanii dirqiin harkaa saamanii deemuu jiraattotni dabaluun dubbatu.
Akkuma aanichaatti saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun hidhattoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaachuun gibiraaf qarshii 1000-2000’tti harkaa yoo saaman, inshuraansii fayyaaf ammoo 400-600’tti jiraattota irraa dirqiin saamaa jiraachuu fi namoonni maallaqa jedhame kana kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun hidhamaa fi reebamaa akka jiran jiraattotni onichaa ONM”tti himaniiru.
