ONM-ABO Muddee 12, 2024
Sirni maanguddoota Oromoo salphisee kabajaa irraa mulquun safuu fi duudhaa hawaasichaas guutummaatti balleessuuf ifaaju Bilxiginnaan, jaarsolii biyyaa hawaasa naannichaa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa qaban irratti xiyyeeffachuun miidhaalee irraan geessisuu itti fufeera.
Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 3, 2024 jiraataa ganda Jajjabaa kan ta’an jaarsa biyyaa maanguddoo maqaan isaanii Obbo Mahaammad Aliyyii Maamud jedhaman hidhattootni sirnichaa maqaa firoottan keetu miseensa waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun harka dudduubatti hidhanii reebicha ulfaataa irratti raawwatanii magaalaa Booraatti hidhanii jiraachuu maddeen keenya onichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattotni kun dabaluun himanitti maanguddoon kun yeroo ammaa reebicha manneen hidhichaa keessatti irratti raawwatameen iddoo ciisichaa irraa ka’uu kan hin dandeenyee fi nyaatallee soorachuu hanqatanii kan jiran ta’uu himuun, akkuma aanichaatti ergamtoota maafiyaa PP’n hiraarfamni daangaa darbe jiraattota irratti guyyuu geggeeffamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

