ONM-ABO Muddee 17, 2024
Hidhattootni murna Bilxiginnaa abbaa fi haadha irraa dhalataniif illee kabaja hin qabne qaama isaanii olii gammachiisuu fi faayidaa dabaan argatan qofa ilaalanii deeman hawaasa nagaa reebuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuu bira darbanii gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun ilmaan Oromoo qabanii achi buutee dhabamsiisaa jiru.
Obbo Usmaan Mahaammad Maammoo jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Jajjabaa maanguddoo ganna 70 yoo ta’an, Muddee 15, 2024 caasaaleen murna Bilxiginnaa hulaa jiraattotaa irra deemuun walga’ii iddoo Makaabee jedhamutti akka baatan namoonni hin baane ammoo deggartoota WBO’ti qarshii adabamtu jedhanii akeekkachiisuun yeroo jiraattotni cufti ba’anitti Obbo Usmaan Mahaammad garmalee reebuun konkolaataa keessa buusanii deemuun achi buutee dhabamsiisaniiru.
Muddee 16, 2024 hidhattootni murna Bilxiginnaa kun aanichuma ganda Manduuboo keessatti jiraataa gandichaa kan ta’an nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Umar jedhaman jalaa midhaan ardaba 12 saamuun konkolaataatti fe’atanii magaalaa Harawaatti galfataniiru.
Ganduma Manduuboo fi Jajjabaa keessaa ammoo abbootii warraa 10 ol ta’an maatii isaanii waliin qe’ee irraa buqqisuun bosonatti baqatan daa’imman isaanii harkatti beela, dheebuu, aduu fi qorraan waadamaa jiraachuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffateera.

