Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti waraana faashistii PP’n dargaggoon tokko haala suukkanneessaan yoo ajjeefamu, namoonni hedduunis ukkaamfamuun hidhaman

ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024 

Koree ajjeechaa qondaaltota ol’aanoo impaayerattiitiin duguuggaan sanyii uummata Oromoo irratti akka geggeeffamuuf hundeeffameen kutaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti namoonni nagaan haala suukkanneessaan rasaasaan waadamanii ajjeefamuu fi jiraatti ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Onkoloolessa 27, 2024 hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jechuun qe’ee hawaasa nagaatti bobbaate ganda Diida Sharii jedhamutti galgala toora sa’a 11:00’tti dargaggoo maqaan isaa Abduu Ibraahim jedhamu maatii isaa fuulduratti gara laafina tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni ganda Diida Sharii ONM’tti himan.

Hidhattootni sirnichaa guyyuma dargaggoo kana ajjeesan, magaalaa Qiciicoo fi ganda Haraa keessaa namoota hedduu ukkaamsanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Fajaree Yuusuf,
  2. Fajaree Aliyyii,
  3. Haliimaa Faqii
  4. Hasan Arbiyyee,
  5. Bulii Dibbee,
  6. Aliyyiu Umar,
  7. Mohammad Daawud,
  8. Mahaammad Hasan Abbagaar,
  9. Abduu Mahammad Abduu fi 
  10. Adam Kamaal ta’uun eerameera.

Dargaggoon ajjeefamee fi namoonni ukkaamfan kunneen namoota nagaa hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun halkanii fi guyyaa jireenya isaanii mo’achuuf carraaqan yoo ta’an, gartuun uummata Oromoo lafarraa duguuguuf ajaja dabaa qaama isaanii ol jiru irraa fudhattee bobbaate loltootni faashistii Bilxiginnaa kun maqaa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti ni nyaachistu, daandii agarsiiftuu fi eeruu laattuuf jedhuun baarjaa dharaa itti maxxansanii gochoota badii irratti raawwachuun ibsameera.

Godina Walloo aanaalee garaa garaa kanneen akka Harxummaa Fursee, Jiillee Dhummuuggaa fi Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, hidhaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatii manneenii dabalatee gochootni sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version