ONM-ABO Sadaasa 3, 2024
Yeroo itti ummanni dammaquun dhugaa fi soba adda baafachuu danda’ee jiru kanatti murni Bilxiginnaa, afaan qawwee itti qabuun siyaasa kiyya fudhachuu diddan, na deggaruu dhiistanii fi maatii qabsaa’otaati jechuun miira abdii kutannaatiin namoota nagaa irratti gochoota hidhaa fi saamichaa hanga ajjeechaatti irratti raawwatan kan duraa caalmaatti jabeessanii itti fufanii jiraachuun ifoomeera.
Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii keessaa Onkoloolessa 30, 2024 waraanni faashistii PP namoota nagaa 5 jiraattota magaalichaa kan ta’an kanneen maqaan isaanii:
- Alii Abduyyee,
- Mahaammad Adam,
- Ahimed Muusaa Xoohaa,
- Huseen Aliyyii fi
- Indiris Muusaa kanneen jedhaman akka daa’imaatti kaballaan dhaanaa magaaluma Cirrattiitti hidhaniiru jechuun maddeen keenya magaalichaa nuuf eeran.
Namoonni waraana goolessaa PP’n dhaanamaa hidhaman kun abbaa maatii hojiilee adda addaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’an, ergamtootni murna Bilxiginnaa kunis maqaa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun sobaan yakkanii waajjira poolisii magaalaa Cirrattiitti hidhuun hiraarsaa akka jiran barameera.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo godinichuma magaalaa Kamisee keessatti Onkoloolessa 23, 2024 dabballeen PP konkolaachisaa ta’e tokko dargaggoo maqaan isaa Maammee jedhamu meeshaa qarshii 80,000’n bitame konkolaachisaa PP kana bira keewwachuun yeroo dhimmaaf deemee deebi’u dabballeen PP kun jalaa kan fudhate yoo ta’u, dargaggoon kunis yeroo poolisoota naannoo sana jiraniin meeshaa koo irraa naaf fuudhaa jedhee himatutti, poolisoonni sirnichaa situ badii qaba, meeshaa kee yoo fudhate ni gaafattaa? inumaa situ badii qaba jechuun hidhan.
Boodarra ammoo dargaggoo kana suuraa isaa kaafachuun asiin booda konkolaachisaa kana meeshaa kee yoo gaafatte suurri kee nu harka jira ni hidhamta ittiin jechuun akeekkachiisanii gadi lakkisuu fi magaalaa Kamisee kana keessatti dabballoota sirnichaa kanneeniin namoonni hedduun samamaa kan jiranii fi warroota qaama nageenyaa ofiin jedhan naannoo sana jiranitti yoo himatan haqni isaanii ukkaamfamuun inumaa carraan isaanii hidhamuu waan ta’eef dabballoota PP kanaan saamamanii qaama itti himatan dhabuun rakkachaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

