ONM-ABO Ebla 27, 2024
Akkuma beekamu murni nama nyaataan dhiiga ilmaan namaa dhuguu bare, ammas sababa olaantummaa seeraa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti kabachiisuu jedhuun loltoota impaayerattii duranii soorama ba’anii fi sababoota garagaraan waraana keessaa hir’ifaman bifa haaraan akka deebi’aniif naannoolee hundatti ajaja dabarse.
Akka xalayaan muummicha ministeera Impaayirattii Koloneel Abiy Ahmed ministeera Rayyaa Ittisa impaayerattiif barreesse jedhutti loltoonni kanaan dura miseensa Raayyaa Ittisa impaayerattii taatan hundi kan qaamaan fayyaa taatan hundi akka deebitan kan jedhu fi xalayaan kun kan barraa’e bulchiinsa naannoolee lamaaniif ta’uu ni ibsa.
Murni muddama keessa gale barcuma aangoo isaa tikfachuuf jecha ilmaan hiyyeessaa ibiddatti oofaa kan jiru yoo ta’u, akka kanaanis sababa loltoonni jalaa dhumaniif namoota duraan waraana keessa turan bakka buusuuf jecha dhama’aa kan jiru murni abbaa irree bifa haarawwaan namoota hanga sadarkaa gandaatti waraanaaf akka qopheessaa jiru akeeka.
Bu’uuruma kanaan torbanoota darban irraa kaasuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti uummata dirqamaan mana mana irra deemuun afaan qawween yaasanii duula sakkattaa WBO jechuun bakkee keessa joorsanii galchaa jiraachuun ni beekama.

