Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii dhalootaan Oromoo ta’an naannoo Amaaraa keessatti rakkachaa jiraachuu dubbatu

ONM-ABO Hagayya 4, 2023

Lola impaayerattii keessatti impaayerattii fi maqaa mootummaa Oromoo tiksinaan goyomfamanii leenjii waraanummaa fi siyaasaa fudhachuun bakka lolli jirutti ilmaan Oromoo bobbaafaman rakkoo keessa jiru.

Lola impaayerattii keessatti kaabatti Tigraay keessatti geggeeffamaa tureen miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an hedduun kan dhuman yoo ta’u, ammas lola naannoo Amaaraa  keessatti maqaa Faannoo barbadeessuu jedhuun deemsifamaa jiruun ilmaan Oromoo hedduu irraan dhumaatiin qaqqabaa jira.

Lola amma naannoo Amaaraa godina Goojjam magaalaa Buree, Danbacaa, akkasumas Walloo fi Goondar keessatti geggeeffamaa jiruun loltoota impaayerattii irraan miidhaan jabaan qaqqabee jiraachuu fi lolli kunis jabaatee akka jiru barameera.

Miseensonni dhalootaan Oromoo ta’an sababa warreen Amaaraa ta’an waraana impaayerattii keessaa baduun Faannootti dabalamaa jiraniif gaaga’amni qaqqabaa jiru baay’inaan Oromoo irraa fi saboota kibbaa irra akka ta’e odeessi miseensota waraana bilxiginnaa Amaara keessatti lola irra jiran irraa arganne ni ibsa.

Faannoon Amaaraa murna bilxiginnaa waliin ta’uun Tigraayiin erga miidhaniin booda walitti deebi’uun erga dhukaasa eegalanii kan bubbule yoo ta’u, dhukaasa magaalaa Buree, Danbacaa fi naannoo isheetti torbee kana taasifameen rasaasa oraalii 1, dishqaa, bireenii, kilaashii, fi konkolaataa paatroolii koorii 430 irraa booji’uun barameera.

Lola geggeeffamaa jiru kanaanis torbee darbe Jeneraal Biraanuu Juulaa irratti yaaliin ajjeechaa kan geggeeffame yoo ta’u, erga sanaa murni bilxiginnaa hidhataa maqaa Faannoon socho’u irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsa baasus Roobii dheengaddaa sababa lolaan tajaajilli xiyyaaraa buufata Xiyyaaraa Laallibelaa danqamee turuun ni beekama.

Ilmaan Oromoo lola aanga’ota bilxiginnaa aangoo irra tursuun geggeeffamaa jiruun lubbuu dhabuu irra bu’aan isaan irraa argachaa jiran waan hin jirreef, ajaja murna bilxiginnaaf lubbuu isaanii dhabuu irra akka keessaa ba’an waliif dhaamaa kan jiran miseensota raayyaa ittisa impaayerattii naannoo Amaaraatti bobbaafamanii dha.

Exit mobile version