ONM-ABO Bitootessa 25, 2025
Bilxiginnaan rakkoo nageenyaa sababa siyaasaan isa mudateef deebii siyaasaa kennuu irra lola lammiilee isaa irratti geggeessaa jiru seera qabeessa gochuuf Macaafni Qulqulluun osoo hin hafne tuquun lolli isa irratti akka hin eegallee fi achi keessas akka ture dhogoomsuuf yaalutti impaayerattii bakkoota cufatti garuu ajaja isaan barcuma Abiy akka tiksaniif kanneen bobba’an ilmaan haadha hiyyeessaa hedduun lubbuu qaalii dhaaba jiru.
Keessumaa lola waggoottan torban kana Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun lubbuu fi qabeenyaan impaayerattii hedduun kan manca’e yoo ta’u, lolichis akkaataa Abiy mootummoota alaa fi hawaasa lola kana yeroo gabaabduttin xumura jedhee ittiin goyyomsaa jiruun lolicha injifachuu yeroo dadhabutti maqaa harka kennatanii fi nan booji’een irra deebiin miidiyaan hololuu eegalee jira.
Oromiyaa keessatti bakka sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo jirutti Bilxiginnaan akkuma amala isaa harka natti kennanii fi nan booji’e jechuun miidiyaan afarsaa jira.
Muuxannoo kana gara naannoo Amaaraattis dabarsuun yeroo lola muddamaa garee finxaaleeyyii Faannoo ofii deggeraa ture waliin wal dhabee lolatti seenee jiru kanatti miidhaa achitti irra ga’aa jiru dhoksuuf hedduu boojinee fi harka nutti kennataniin holola baratamaa oofaa oolu.
Yeroon kun yeroo Bilxiginnaan lola impaayerattii keessatti WBO fi gareen biroon muddanii isa qabanii fi sodaa ni weeraramna jedhuun yaaddoo keessa jiran ta’uun bakka cufatti injifannoo sobaa himachuu fi hanga garee Piritooriyaan waliigaltee qaban TDF jalatti Jeneraal Migibeey Haayilee Faannoo qajeelchaa jirta jechuun komii irratti dhiyeessaniidha.
Abiy Ahimed fi bulchiinsi isaa rakkoo hamtuu keessa jiraachuu dubbii fi gochi isaa kan mul’su yoo ta’u, dhiheenya kana daawwannaa Affaarii fi kaleessa Jiruutiitti taasiseen ammoo rakkoo gama Eertiraan itti dhufuuf michuu barbaachuu akka ta’es ragaaleen ni mul’isu.

