ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Murni Bilxiginnaa Abiy Ahimed aangoon isaa akka jabaatu gochuun gadaa isaa dheeressuuf hojii humnaan siyaasa isaa fudhachiisuu fi waraana jabeessuu raawwachaa jira.
Kana milkeessuuf ammoo gama humna waraana isaan dargaggoota humnaa fi goyyomsaan qabuun mooraa leenjii galchanii baasuun hojii hawaasa miidhu irratti bobbaasu.
Miseensotni leenjii fudhatanii akeeka badiisaa Bilxiginnaa kanaaf bobba’an qajeelfama sirnichi itti kenne hin raawwannu jechuun keessaa badaa fi harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan Kibxata darbe Onkoloolessa 8, 2024 miseensotni waraana Bilxiginnaa 3 qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessa socho’utti harka kennatanii jiru.
Waraanni Bilxiginnaa aanaa Bulee Horaa buufata waraanaa Baddaa Magaadaa irraa ganuun WBO’tti harka kennatan kun qawwee AKM 3, rasaasa 744, gumbii 9, boombii 3, uffata waraanaa 6 fi hidhannoo 3 waliin nagaan WBO harka galaniiru.
Ilmaan Oromoo sadan miidhaa saba isaanii irra ga’aa jiru jibbuun WBO’tti harka kennatan kun, Bilxiginnaan gadaa aangoo isaa humnaan dheeressuuf uummatas fixaa lolas geggeessaa jira jechuun, gocha Bilxiginnaan lubbuu namootaa akka baalaa harcaasaa jiru kana balaaleffachuun akka keessaa ganan ibsan.
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo qawwee diinaa baattanii saba keessan lolaa jirtan qawwee fi hidhannoo keessan waliin WBO’tti akka makamtan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

