ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf qawwee ormaa baatanii lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachaa jiran yeroo adda addaatti jibbiinsa sanyummaa fi qoqqoodiinsa isaan gidduutti mul’atu irraa ka’uun quuqama saba isaanii kanneen qaban waamicha jaarmiyaa ABO-WBO’n isaaniif taasisaa jiru simachuun guyyaa guyyaan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa gooticha WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Maqii iddoo addaa Birkaa Nigaatuu jedhamu irraa Onkoloolessa 27, 2024 miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko dararaa hamaa mooraa waraana bilxiginnaa keessatti ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru balfuun miseensota waraana bilxiginnaa 2 battalatti ajjeesee, meeshaalee waraanaa PKM tokkoo fi qawwee AKM Turkii tokko hidhannoo guutuu waliin qabachuun gooticha WBO’tti harka kennatee jiraachuun ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoos gama isaatiin simannaa hoo’aa taasiseefii kan jiru yoo ta’u, miseensi waraana bilxiginnaa kunis simannaa isaaf taasifametti hedduu gammaduun ilmaan Oromoo mooraa waraana bilxiginnaatti hafaniin achi keessa teessanii ilmaan nafxanyaan hin dararamiinaatii, qawwee keessan sabatti dhukaasuurra sabaaf dhukaasaa akkasumas yeroon isin qabdan amma waan ta’eef dafaa gara WBO koottaa jechuun ergaa isaa dabarseefii jira.

