• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanota  Qilxuu Kaarraa, Begii fi Qondaala  keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 6 sirnicha ganuun WBOtti makaman 

Jul 29, 2023

ONM-ABO Adoolessa 28, 2023

Impaayerri Itoophiyaa nagaa fi tasgabbii dhabuun ilmaan hiyyeessotaa akka barcuma  aangoo isaanii tiksaniif gara mooraa leenjiitti humnaan erguun lola isaan hin ilaalannetti waggootan shanan kana hirmaachisaa kan jiran geggeesitoonni bilxiginnaa, kaayyoo dabaa kana kanneen hubatan ilmaan Oromoo quuqama lammummaa qaban sirnicha ganuun WBOtti makamaa jiru. 

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Adoolessa 27, 2023 miseensotni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa 6 godina Lixa  Wallaggaa mooraa ona  Qilxuu Kaarraa keessaa namni 1 mooraa Begii  magaalaa Begii keessaa namni 1 fi mooraa Qondaalaa  bakka addaa Maree Suuqaa jedhamu irraa ammoo namoonni 4 akka ba’an odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Miseensonni waraana bilxiginnaa kun  Qawwee turkii 5 isnaaypeerii 1, rasaasa AKM 830 fi hidhannoo guutuu waliin sirnicha keessaa ba’uun WBOtti dabalamuun ilmaan Oromoo sirnicha keessatti hafaniifis sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading