ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Qaamni hannaaf wal gurmeessee fi aantummaa uummataa hin qabne, sirnichi diigamaa jiraachuu hubachuun bakka jiranitti saamicha qabeenyaa mootummaa fi kan namoota dhuunfaa irratti gaggeessuu jabeessanii j jiru.
Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Reejii Mokodaa naannoo Warshaa Simmintoo Mugar bakka addaa Fanjii jedhamutti waraanni sirna PP Adoolessa 19, 2023 irraa kaasuun konkolaachistoota Jipsemii fe’an daandii gubbaatti dhaabuun qarshii irraa saamaa jiru.
Dabballoonni PP waraana weerartuu PP bakka sana qubatee jiru waliin walii galuun maashinootaa fi Warshaa Simmintoo sana halkan hiikuun meeshaalee gatiin isaanii qaalii ta’e keessaa baafatanii gara Finfinneetti geessuun gurguratanii badaa akka jiranis maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen keenya akka gabaasanitti qaamonni mootummaa hanna irratti bobbaa’an kun bakkoota hedduutti qabeenyaa nama dhuunfaas saamuu fi maqaa WBOtiin doorsisanii irraa fudhachuun hojii gadhiisanii badaa akka jiran itti dabaluun ibsaniiru.




