ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa keessaa Adoolessa 26, 2023 namoota siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta jedhu itti maxxansuun hidhaatti guuraa jiru.
Warroota akka kanaan hidhaman keessaa muraasni Huseen Mahaammad, Indiris Imaam, Abduu Ahimed, Mahaammad Xayaar, Umara Abduu, Abraahim Mahaammad, Hanuu Mahaammad, Indiris Sayid fi Suwaalii Adkaanee kanneen jedhaman yoo ta’u gandoota akka Guulaa, Katamoo, Issooyyee fi Cirrattii Wal Buulaa keessaa namoota 46 ta’an hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni onichaa gabaasanii jiru.
Oduudhuma wal fakkaatuun kaabuma Oromiyaa magaalaa Kamisee keessaa dargaggoo Hasan Muusaa jedhamu qabuun aanaa Daawwaa Caffaatti hidhuun tumanii miidhaa guddaa irraan ga’anii jiru.
Dargaggoon Hasan jedhamu kun gaafa Adoolessa 23, 2023 kan qabame yoo ta’u, badii tokko malee dararaan irra ga’aa jiraachuu warreen ijaan argan ibsaniiru.



