Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Impaayera Itoophiyaa lama Lixa Wallagaa aanaa Begii irraa sirna balfamaa bilxiginnaa ganuun WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Sirni goolessaan impaayera Itoophiyaa ilmaan Oromoo dirqamaa fi maallaqaan goyyomsee gara dirree leenjiitti ergee leenjisuun qawwee fi hidhannoon sirnicha akka tiksaniif bobbaasus, waraannichi sirnicha tiksuu didee hidhannoo guutuun WBO’tti dabalamaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Adoolessa 12, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo irraa waraanni sirnichaa lama ba’uun WBO’tti harka kennataniiru.

Waraanni Mooraa Abiy Ahimed gananii ba’an kunneen, hidhannoo guutuun qawwee AKM lamaa fi boombii lama mooricha keessaa fuudhanii ba’uun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.

Xumura irrattis simannaa WBO’n godheefitti gammaduun, kanneen meeshaa diinaa baattanii lammii keessan akka ajjeestaniif dirqamni isinitti kennamee jiru gara WBO dhuftanii qabsoo saba keessaniitti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiruuf.

Exit mobile version