ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Murni Abbaa irree waraana namuusa waraanummaa fi fedhii hin qabne bakkoota hojii isaaniitii humnaan qabuun, kaan immoo faayidaan goyyomsuun mooraa leenjii galchee naamusa waraanaa osoo hin taane gara jabinaa fi farra namummaa barsiisuun uummata nagaa irratti bobbaasaa kan jiru yoo ta’u, kanneen Oromummaa isaanii fi saba isaaniif quuqama qaban mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa miliquun WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Amajjii 20, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa waraana aanichaa keessaa miseensotni waraana impaayerattii lama yoo ba’an, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii irraa immoo miseensi tokko kutaa waraanaa 82’ffaa keessaa bahuun irree sabaa WBO’tti qawwee AKM 3, rasaasa AKM 590, boombii harkaa 2 fi gumbii 8 akkasumas hidhannoo mudhii 3 waliin harka kennataniru.
Miseensonni waraana impaayerattii WBO’tti harka kennatan kunneen, simannaa fi kabaja WBO’n godheefitti gammaduun, akka murni Bilxiginnaa jedhanii WBO’n akka nutti himan osoo hin taane WBO’n nama kunuunsuu fi kabajuun namuusa namummaa fi waraanummaa qabaachuu isaa ragaa ba’aniiru.
Itti dabaluun miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen warra mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti haftaniin qawwee alagaa baattanii saba keessan ittiin ajjeesaa ooltanii fi du’a seenaa hin qabne duutan yeroon gara mooraa WBO’tti qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaatii qabsoo saba keessanitti deebi’aa dirqama Oromummaa ba’adhaa jechuun dhaamsa dabarfaaniru.
