ONM-ABO Amajjii 27, 2024
Caasaan waraana bilxiginnaa aangoo Abiy Ahimed akka tiksaniif leenjiin kennameefii bobbaafaman badii sirnichaa hubachuun mooraa diinaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Akka kanaanis dheengadda Amajjii 25 fi kaleessa Amajjii 26 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessaa qawwee AKM 6 fi hidhannoo 6 qabachuun WBOtti harka kennatanii jiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa WBOtti harka kennatan kun qoodiinsa sanyummaan loltoota bilxiginnaa sabaan Oromoo irra ga’aa jiru kaasuun, badii tokko malee adabbii, hidhaa fi ajjeechaan irratti raawwachaa akka jiru dubbataniiru.
Sababa kanaafis aarsaa hin malle barcuma nama tokkoo tiksuuf kaffaluu irra saba ofii bilisoomsuuf qabsaa’uu wayya jechuun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafanis akka qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti harka kennatan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

