Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni sirna PP godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti maatii miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo qabee hidhuu hammeessan

Waraanni sirna PP godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti maatii miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo qabee hidhuu hammeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Murni bulchiinsa abbaa irree godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo Bureerii keessaattii waraanni faashistii PP kan naasuu uummata Oromootiif hin qabne uummata nagaa maatii miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ti jechuun guuranii hidhaa jiru.
Guyyaa kaleessaa Waxaabajjii 6/2022 godina Gujii bahaa aanaa Goorroo Doolaa ganda Waatoo Bureerii kana keessaa uummata nagaa sobaan yakkanii hidhan keessaa kan maqaa arganne,
Birbirsaa Dunuunii jaarsa waggaa 70
Warqinash Waaree jaartii waggaa 55
Dajennee Jamaal durbaa waggaa 7
Biiftuu Jamaal kan daa’ima waggaa 5nii taate fuudhanii mana hidhaa keessattii dararaa jiraachuu kan dubbatan jiraattootni naannichaati.
Ona Gooroo Doolaa kana keessatti hidhaanis daangaa dabree ijoollee waggaa 5nii guuranii hidhuun seeraa addunyaan yakka ta’uun osoo beekamuu murni akka feeteen ilmaan irratti badii raawwachaa jiru kun kufaatii irraa of baraaruuf faallaa mirga namoomaa hojjeechaa jiraachuu dalagaa isaanii irraa hubachuun ni danda’ama.

Exit mobile version