Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraanni faashistii PP walitti dhukaasuun wal ajjeesuu fi wal madeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Waraanni faashistii PP naamusa loltummaa hin qabne aadaa, safuu fi duudhaa hawaasaa cabsuun wantoota ciiggaassisaa hojjechuun ummata nagaa qe’ee isaa irratti dararaa fi yaaddoo itti ta’aa oolu walii isaas balleessuu itti fufee jira.

Ergamtonni Bilxiginnaa kaayyoo hin qabnee fi mooraa seeradhablummaan itti dagaage jiraatan, saamicha hawaasa irratti geggeessaniin dhugaatii humnaa olii ofitti guuruun wal ajjeesaa fi madoo wal taasisaa jiru.

Akkuma kanaanis Adoolessa 8, 2024 loltoonni Bilxiginnaa keessoon isaanii baxaraanummaan guute kun Godina Lixa Shagar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Oolankomii keessatti erga dhugaatiin sammuu isaanii hadoochanii booda walitti dhukaasuun wal galaafataniiru.

Dhukaasa loltootni dhugaatiin of macheessan wal irratti geggeessaniin battalumatti    loltuun tokko yoo ajjeefamu gariin ammoo madaa’uun barameera.

Exit mobile version