Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraanni sirnichaa dargaggoota ajjeesuu, qotee bulaa saamuu fi walii isaanii walitti dhukaasuun walirraa ajjeessuun beekame 

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023

Waraanni maafi’aa PP sirnicha tiksuuf uummatatti bobbaafaman saamicha uummata irratti gaggeessan itti fufuun, lixa shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa keessatti qonnaan bultoota saamuu maddeen keenya gabaasan.

Waxabajjii 17, 2023 aanaa Ada’aa Bargaa ganda Reejii Mokodaa keesatti qotee bulaa maqaan isaa obbo Guutaa Adunyaa jedhamu irraa qarshii (40,000) otoo inni gara gabaa deemaa jiruu reebicha hamaa irraan ga’uun irraa fudhataniiru.

Oduu biraatiin, aanuma kana keessatti kaleessa waxabajjii 22, 2023 dargaggoota ammaaf maqaan isaanii argachuu hin dandeenye lama qabuun badii tokko malee rifeensa mataa irraa aaduun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii  gatan.

Aanuma Ada’aa Bargaa, moonaa waraanaa ganda Mokodaa jedhamu keessatti waraanni PP walitti dhukaasuun loltoota 10 walirraa ajjeessuun gariin madeessanii jiraachuun beekameera.

Akka maddeen keenya jedhanitti, wal shakkii moonaa isaanii keessatti uumameen dhukaasa walirratti banuun sa’a dheeraaf erga walitti dhukaasaniin booda ijoolleen Oromoo lakkoofsaan 8 ta’an meeshaalee waraanaa fi hidhannoo guutuu waliin jalaa miliquun barbaacha isaaniif oliif gadi fiigaa turaniirus jedhan.

Wal shakkii guddaa keessa seenuun waraanni wal irraa fagaatee akka turee fi sababa kanaanis ilmaan Oromoo moonicha keessatti Oromummaa isaaniin miidhamaa akka jiranis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.




Exit mobile version