ONM-ABO Fulbaana 5, 2023
Tarsiimoo hawwataa fi ijaarsa isaa saffisiisu baafachuu irra murni bilxiginnaa impaayera Itoophiyaa kufaatii irraa baraaruuf ilaalcha siyaasaan ilmaan Oromoo yakkee golee Oromiyaa mara keessaa qabee hidhuu jabeessee jira.
Fulbaana 1, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Biyyoo Wagiddii jedhamutti waraanni faashistii PP sochii taasise, darggoota nagaa siyaasa kam keessaa iyyuu hin qabne Katamaa Tolasaa, Waayyuu Tolasaa obboloota kan ta’aan dabalatee namoota maqaan isaanii Jaamboo Abbabaa, Badhoo Dajanee Qarriffoo, Badhoo Dhaqqabaa Hoofkalaa fi Ilma Hirphaa Simee halkan irraa qabuun fuudhanii akka deeman madden himan.
Sochiin waraanni faashistii PP Oromiyaa keessatti taasisaa jiruun dhiittaan mirga namoomaa hamaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru itti fufuun, hojii idilee irraa qonnaan bultoota, hojjrttoota mootummaa fi barattoota qabuun hawaasni yaaddoo nagaan ba’ee nagaan galuu keessa akka gale maddeen dabaluun ibsaniiru.

