Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Konkolaataan sababa kaabinoota deddeebisuuf uummatni godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa geejjiba dhabuun rakkate

Konkolaataan sababa kaabinoota deddeebisuuf uummatni godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa geejjiba dhabuun rakkate.

ONM-ABO Fulbaana 6, 2022 Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo aanota Oromiyaa keessaa waraana bilxiginnaa fi caasaa isaanii buqqisuu fudhachaa jirutti baaraguun kaabinootni murna faashistii PP aanaa bulchaa dhiisanii aanaa biroo irraa deddeebi’anii hojjechaa jiru.

Godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa keessaa kaabinootni sirna PP waraana bilxiginnaa da’oo godhachuun uummata dararaa fi dararsiisaa turan magaalaa Ada’aa Bargaa Incinnii fi Muloo irraa ka’uun magaalaa Holotaa mana siree qabatanii akka bulaa jiran odeessi nu qaqqabe ni addeessa.

Akka odeessi maddeen irraa nu qaqqabe ifoomsutti kaabinootni sirna PP aanaa Ada’aa Bargaa keessatti haleellaa WBO yoo geggeesse ni miidhamna jechuun guyyaa hojjechaa oolanii gara galgalaa irraa magaalaa Holotaatti kan deebi’an yoo ta’u, ganamaa fi galgalaa konkolaataan isaan qofa waan fe’uuf uummatni rakkoo isaaniif hatattamaan konkolaattootaa argatanii deemuu hin danda’an.

Akka kanaanis yeroo dhimma isaanii ba’achuu fi dhukkuban mana yaalaa olaanaa qaqqabachuuf danqamaa jiru.

Kana malees uummanni baadiyaa aanichaa irraa dhufu magaalaa Ada’aa Bargaa Incinnii seenuuf qarshii 50 kafaluun naga’ee itti kutatee darba.

Walumaagalatti aanaa Ada’aa Bargaa kana keessatti rakkoo geejjibaa, hidhaa fi baasii humnaa olii sababoota garaagaraa itti maxxansuun uummata saamanii dararaa jiraachuun beekameera.

Exit mobile version