Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa fi kibbanlixa Shaggar Sooddoo Daaccii keessatti kaabinoonni bilxiginnaa wal dhibdee keessoo isaaniitti uumameen mana hidhaatti wal galchaa jiru 

ONM-ABO Waxabajji 19, 2023

Sirna baduuf hundeen raafamaa jiru bilxginnaa ijaaruuf halkanii fi guyyaa kan dhama’aan ergamtootni fi tiksitootni sirnichaa wal dhageettii fi wal hubannoo ittiin sirnicha tarkaanfachisan dhabuun keessoo isaaniitiin wal nyaachuu fi ifaatti sababa wal irra barbaadanii mana hidhaatti wal darbachaa jiru.

Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti dhiiga  qulqulluu dhangalaasisaa fi lubbuu nagaa baasisaa kan turan ergamtootni bilxiginnaa mufannaa gidduu isaaniitti uumameen mana hidhaatti wal guuraa jiru.

Obbo Haata’uu Sobbooqaa, Gizaachoo Badhaadhaa fi Tsaggaayee kan jedhaman hojjettoota sirnichaa yoo ta’aan sababa faayidaa irratti wal dhabuun  mana hidhaatti galfamanii dararamaa jiru.

Oduu wal fakkaatuun kibbaa lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii keessattis  kaffaltii maqaa buusaa gonofaatiif kaffalamu miindaa keessan irraa kutuu diddan jechuun mana hidhaatti wal darbachaa jiraachuu odeessi ONM qaqqabe ni mul’isa.

Exit mobile version