Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti injifannoo diina pp

ONM-ABO Muddee 11, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar haleellaa goggogduu godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa magaalaa Hincinnii keessatti fudhateen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii Jimaata galgala Muddee 8,2023 waraana maafi’aa PP irratti fudhateen hidhamtoota siyaasaa 170 ta’an kan waggootaaf achitti dararamaa turan guutummaatti mana hidhaa cabsuun yaasee jira.

Mana kuusaa meeshaa cabsuun qawwee 126, (AKM 102, SKS 20, Faalii 4 ) dhuunfachuun gootichi onnee sibiilaa mooraa qabsoof oolchee jira.
Irree jabaa WBO kanaanis humna diinaa madoo fi du’a tilmaamuun nama rakkisisuun diinni siinoo lamaan fiigdu haxxee seenuun garagaltee guutumatti kan daarafte yoo taatu, ooraalin tokko haxxee biraan rukutamee daaraa ta’e jira. Humnoonni diinaa mooraa mana hidhaa fi waajjiroota garaagaraa eegaa turan kaan du’ee kaan baqachuun barameera.

Tarkaanfii korommiiwwan dachee gootaa waraana goolessaa Abiy Ahimed irratti fudhachuun baaragsaniin kaabinoonnii aanichaa ammatti hidhaatti wal guuruun wal dararaa jiru. Manni hidhaa isaan itti wal dararaa jiran kun kan kaleessa uummata nagaa itti dararaa turan ta’uun ni beekama.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version