WBOn godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa magaalaa Olonkomii fi bakkoota birootti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.
ONM-ABO 25 Muddee 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar Ona Ada’aa Bargaa magaalaa Olonkomii dabalatee iddoo garaagaraatti tarkaanfii laalessaa gidduu kana fudhachaa tureen injifannoo boonsaa gonfatee jira.
Lola Muddee 22, 2022 ona Ada’aa Bargaa qarqara magaalaa Olonkomiitti taasiseen loltoota bilxiginnaa 30 battalatti yoo ajjeesu 25 ol madoon adabuun milkii gonfatee jira.
Lola gaafa Muddee 23/2022 achumatti taasiseen humna diinaa 70 ol du’aan akkasumas hedduu madoon adabee jira.Lola guddaa kaleessa Muddee 24, 2022 naannoo Karkarreessa fi Odaa Goondetti taasiseen humna diinaa lakkoofsan guddaa aanota 5 ol irraa wal guuruun birmaannaaf dhufan dha’uun 100 ol yoo ajjeesu humna guddaa irraa madeessun injifannoon goolabee jira.
Qawwee AKM 67 fi meeshaalee garaagaraa hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Lola bakkaa fi yeroo garaagaraatti WBOn taasise kana irratti humni diinàa 400 ol hojiin ala kan ta’e yoo ta’u Ajajoonni dhibbaa 2, qondaalota waraanaa sadarkaa garaagaraa 37, du’aan yoo adabaman 39 madoon adabamanii jiru. Isaan keessaa 9 madoo salphaa yoo ta’u 30 gara hospitaala waraanaa Finfinnee jirutti yaala olaanaaf deemsifamaniiru.
Lolli bilisummaa golee Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

