Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi Gaachanni Uummata Oromo WBOn Zoonii GG tarkaanfii Ona Ada’aa Bargaa fi Jaldutti fudhateen injifannoo boonsaa gonfate!

ONM-ABO Sadaasa 29, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Imala Bilisummmaa Milkeessuuf tarkaanfii laalessaa waraana faashistii irratti fudhatu jabeessee jira.

Haala kanaanis tarkaanfii dheengadda Sadaasa 27/2023 godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa keessatti diina sakattaaf deemtu irratti jajjabeen WBO fudhateen humni diinaa 50 yoo du’u 21 madoon adabamee jira.

Ajajaa 100 dabalatee namni 6 harkaan  booji’amee jira. Gama meeshaatiin Moortara 1, Dishqaa 1, AKM 20, PKM 3, isnaayippera 2, rasaasa gosa garaagaraa fi Qumbullaa moortaraa dugda diinaa irraa hikkaachuun qabsoof galii godhee jira.

Korommiiwwan WBO ona Jalduu magaalaa Osoleettis tarkaanfii laalessaa Cibraan Risaa Laga Mogor diina sakattaa deemna jettee yaatu irratti fudhateen ajajoota sadarkaa garaagaraa 5’n dabalatee loltoota 30 battalatti yoo ajjeesu 16 madoon adabee jira.

Humni waraanaa Abiy Ahimed lola kanaan baaragdee Zu-23 fi Madfii hawaasa irratti dhokaasaa turuu ajajaan WBO naannichaa gabaaseera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version