Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti diina adabuun injifannoo boonsaa galmeesse

WBOn lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti diina adabuun injifannoo boonsaa galmeesse.

ONM-ABO Muddee 24, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana bilxiginnaa qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf WBO irratti bobba’an barbaadee rukuchuun du’aa fi madoon adabee meeshaalee irraa booji’aa jira.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guyyoota lamaan darbaniif Muddee 22 -23,20022tti walitti fufiinsaan godina lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa magaalaa Olonkomitti fudhachaa tureen humna diinaa watwaachisee loltoota 140 ol irraa yoo ajjeesu hedduu madoon adabee jira.

Lola kanaan loltoota nyaaphaa 20 booji’uun qawwee 60 fi meeshaalee garaagaraa heddu dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Lolli kun Finfinnee jalatti har’as itti fufee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version