ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
WBOn Zoonii Giddu Galaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Dheebisaa Hangasaa keessatti tarkaanfii kaleessa Adoolessa 30 waraana impayeera Itoophiyaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Lola jabaa kanaan waraana faashistii PP irraa loltoota 112 ajjeesuun 64 madoon gaggeessee jira.
Meeshaa AKM 84, PKM 2, Isnappara 2 hiidhaannoo guutun waliin irraa hiikuun galii moona qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Kana malees meeshaalee adda addaa, hidhannoolee fi qophii irraa hiikuun 23 jiraa booji’ee jira.
Lolli WBOn Lixa Shaggar keessatti geggeessaa jiru itti fufee waan jiruuf hordofnee kan isin beeksisnu ta’a ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

