ONM-ABO Hagayya 1, 2024
ONM-ABO Adoolessa 31, 2024 WBO’n Zoonii Giddu Galaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Dheebisaa Hangasaa keessatti tarkaanfii dheengadda Adoolessa 30, 2024 waraana imphaayera Itiyoophiyaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Lola jabaa kanaan waraana faashistii PP irraa loltoota 112 ajjeesuun 64 madoon gaggeessee jira.
Meeshaa AKM 84, PKM 2, Isnaayippera 2 hiidhannoo guutuu waliin irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Kana malees meeshaalee adda addaa, hidhannoolee fi qophii irraa hiikuun waraana PP 23 jiraa booji’ee jira.
Lolli WBO’n Lixa Shaggar keessatti geggeessaa jiru itti fufee waan jiruuf hordofnee kan isin beeksisnu ta’a ❗

