Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn tarkaanfii boonsaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti fudhateen injifannoo galmeessuun hidhamtootas hiike

ONM-ABO Muddee 11, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii jajjabaa handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee jalatti fudhachaa jiru jabeessee itti fufuun, olaantummaa lolaa diina irratti gonfachaa jiruun akkasumas fedhii fi kutannoo marii nageenyaaf qabu agarsiiseen, lolaanis ta’u, kallattii nagaatiin hiree siyaasa impaayerattii jijjiiruu akka danda’u mirkaneessaa jira.

Korommiin abdii Sabaa WBOn Kaaba Shaggar keessa socho’u mudde 8, 2023 magaalaa Finfinnee irraa 70km irratti kan argamtu aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Incinniitti halkan kallattii maraan seenuun Injifannoo boonsaa galmeesseera.

WBOn Lola qinda’aa magaalaa guddittii aanichaa Incinnii Keessatti gaggeesse kanaanis, ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkamuun mana hidhaa magaalichaa Keessatti yeroo dheeraatiif hiraarfamaa turan dhibbootaan hiikee gadi dhiisuun, kuusaa meeshaa diinaa hedduus cabsuun galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo taasisee jira.

Magaalaan Incinnii kaadirootaa fi Lukkeelee diinaa gandoota baadiyyaa aanichaa hedduu keessaa WBO dheessaniif golgaa guddaa kan turte yoo ta’u, Tikootni diinaas magaalicha da’eeffachuun karoora jallinaa ittiin uummata Oromoo miidhan wixinaa, akka waan humni WBO seenee tarkaanfii isaan irratti fudhatu hin jirreettis Keessatti dhaadachaa kan turan ta’ullee, xaxaan siyaasa impaayerattii sochii isaa duuba deebisuu kan hin dandeenye jajjabeen qorsa gabrummaa, bulchaa magaalichaa Birhaanuu Haftiyyee dabalatee milishoota hedduu du’aan adabee jira.

Qondaalota PP sadarkaa Federaalaa irra jiran dabalatee kaadirootni godinaa hanga aanaatti jiran waggoota sadan darban kana qabsoo hidhannoo ABO-WBOn gaggeessaa jirutti maqaa hedduu laachuun, guca qabsichaa hafuura tokkittiin balleessuu akka danda’aanii fi WBOn impaayerattii keessatti dhiibbaa siyaasaa kam illee uumuu akka hin dandeenyetti ibsaa garaa garaa kennaa kan turan ta’uun ni yaadatama.

Ololaa fi shiraaf bakka kan hin laanne Kallachi qabsoo Bilisummaa Oromoo WBOn dirqama dachaa Hawwii fi dheebuu saba isaatii fiixaan baasuuf ofitti fudhateen waggoota gabaabduu keessatti humna waraanaa guddaa karra Shanan Finfinneetii naannessuun balbala waltajjii nageenyaa addunyaa saaquu kan danda’e yoo ta’u, Cichoominaa fi kutannoo dantaa saba isaaniitiif calaqqisiisaniis hoggaantotni qabsichaa dinqisiifannaa guddaa argachuun, dhaabichis abdii fagoo egeree siyaasa gaanfa Afirikaa ta’uu danda’eera.

Exit mobile version