ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Tummee fi Yaayyaa keessatti murni bilxiginnaa kan kabaja dhala namaaf hin qabne guyyoota muraasa dura wal shakkii isaan gidduutti uumameen wal ajjeesuu fi kaan immoo hidhaatti darbachuu isaanii keessa beektonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Haaluma kanaan waraanni murna PP uummata Oromoo nagaan jiruu isaa geggeeffatu ajjeesuu fi dararuu amala isaanii godhatan, walii isaanii wal shakkuun kaabinee itti-aanaa bulchaa gandichaa kan ta’e maqaan isaa Jamaal Rashiid jedhamu tarkaanfii ajjeechaa irratti yoo fudhatan, yoo xiqqaate namoonni torba shakkamuun hidhaatti akka darbatamanii jiran keessa beektonni eeraniiru.
Kanumaan wal qabatee loltoonni fi kaabineen Bilxiginnaa mooraa keessa jiran shakkiin guutamuun waliin gaarreffachaa akka jiran maddeen keessoo isaanii ibsaniiru. Maddi rakkinichaa ifatti beeku kun maallaqa uummata nagaa saamanii dhuunfatan qooddachuu irratti kaabinee fi waraanni sirnichaa wal dhabuu irraa kan eegaleedha jechuun keessa addeesseera.
Loltoonni PP kun kaabinee hidhaa keessa jiran waan isaan quba hin qabneen qoqqoodiinsa gidduutti uumuun kaabinee maqaan isaanii Ashabbirii fi Lammii jedhaman hidhaatii baasuun warreen hafan irratti hojjechaa akka jiran beekameera.

