ONM-ABO Muddee 26, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti murni Bilxiginnaa saba Argobbaa tumsuun ilmaan Oromoo ajjeesuu fi saamuu jabeessanii akka itti fufuun barame.
Bifuma olitti eerameen murni bilxiginnaa saba bicuu Argobbaa daangaa aanaa Fantaallee irra qubatanii jiran akka obbolaatti waliin jiraachaa kan turan gidduu seenuun saba Argobbaa ofitti qabuun hidhachiisaa kan jiran yoo ta’u, uummata Oromoo naannoo sana horii kanneen akka re’ee, loon, hoolaa fi gaala horsiisuun tikfatanii jiruu fi jireenya isaanii kan geggeessan ajjeesuu fi qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuu jiraattonni gandoota adda addaa saba Argobbaan wal daangessan kanneen akka ganda Ilaalaa, Haroo Qarsaa bakka addaa Haroo Hoobaa fi kanneen biroo keessa jiraatan rakkoo nageenyaa gidduu isaaniitti uumeen ba’uuf galuun akka yaaddessee jiru ni himu.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa ganda Ilaalaa bakka addaa Abbaakulaa jedhamutti saba Argobbaa Bilxiginnaan waliigaluun hidhachiifaman tikfatee bulaa maqaan isaa Saalaa Abbaa Boollee jedhamu itti dhukaasuun ajjeesanii bakkeetti gatuun re’oota isaa 100 ol ta’u jalaa ooffatanii akka deeman jiraattonni naannoo sanii addeessaniiru. Murni bilxiginnaa karaa hidhattoota isaatiin warra Saba Argobbaa hidhachiisaniif deggersa dhiyeessii nyaataa kanneen akka koshooroo ‘top’ kan waraanni Bilxiginnaa fayyadamuu fi qophii bishaanii abbaa liitirii lamaa kennaafii akka jiran keessa beektonni ifoomsaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun yeroo darbe sabni Affaar namni 18 ta’an bosona mancaasuun kasala taasisuun gurgurachuuf osoo jedhanii WBO’n to’achuun gorsee kan deebise yoo ta’u, gocha kanas jala deemtuu Bilxiginnaa kan ta’e Mahaammad Kulaa ergama Bilxiginnaa fudhatee saboota walitti buusuuf deemaa akka jiru bira ga’ameera.

