Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa shaggar ona Ada’aa Bargaa fi kutaa magaalaa Finfinnee magaalaa Furii keessatti ilmaan Oromoo irratti hidhaan jabaate

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Oromiyaa bakkeewwan garaagara keessatti ilmaan Oromoo maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggertuutiin bakka hojii dhuunfaa isaanii fi daandii gubbaa irraa akkasumas dirree bashananaa keessaa qabamuun mana hidhaatti darbatamee hiraarfamuun itti fufee jira.

Adoolessa 22, 2023 godina lixa shaggar ona Ada’aa Bargaa magaalaa Incinnii irraa dargaggoo maqaan isaa Fayyee Damee jedhamu dabalatee qeerroo fi Qarree sabboonoo ta’an kaabinoonni  Ada’aa Bargaa badii tokko malee  waraana itti bobbaasuun mana isaanii  sakattaasisanii erga homaa dhabanii booda qabanii gara mooraa waraana PP warshaa Daangootee jirutti geessanii hidhuun halkanii fi guyyaa dararaa irraan ga’aa jiru.

Oduuma Wal fakkaatuun torbee darbe keessa kutaa magaalaa Finfinnee magaala Furii keessaa dargaggoota hedduu waraanni bilxiginnaa hidhuun rakkisaa jira.

Kanneen keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabe Kumasaa Urgeessaa fi Caalaa kanneen jedhaman dabalatee dargagoonni mana hidhaa kutaa xiqqoo keessatti baay’inaan hidhamuun midhaan nyaatanii fi hirriba dhabuun rakkoo fayyaaf saaxilamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan hordofaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version