ONM-ABO Caamsaa 6, 2024
Egeree saba Oromootti yaaddoo guddaa uumee kan jiru murni bilxiginnaa erga aangootti dhufee hanga har’aatti ajjeechaa jumlaa raawwatan dabalatee iddoowwan adda addaatti qabeenya hawaasichaa saamuun gariin ammoo gubanii mancaasuun namoota hedduu maatii waliin rakkoof saaxilaa bakkeettis facaasaa jiru.
Uummanni nagaan qabeenya waggoota hedduuf itti dafqee horate guyyaa tokkotti dhabaa kan jiran yoo ta’u, Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti gaafa Caamsaa 3, 2024 hidhattootni sirnichaa qabeenya hawaasaa saamuun manneen qonnaan bultootaas guban.
Obbo Shallamaa Boonsaa kan jedhamu ganda Ilaalaa Waaqoo keessatti sangoota sadii kan ayyaana Faasikaa irratti gurgurachuuf qallabaa ture jalaa fudhachuun hidhattootni sirnichaa yoo deeman, ganda Callabbaa Madabii jedhamu keessatti ammoo obbo Faqaddaa fi dubartii ijoollee hin qabne tokkos mana jalaa gubuun bakkeetti gatanii deemuu jiraattotni himan.
Hidhattootni kunneen akkuma gandichatti bobbaafamaniin kaayyoon isaaniis saamichaa fi ajjeechaa waan ta’eef namoota reebuu, hidhuu, saamuu fi manneen gubuu badii tokko malee raawwachuus himan.

