ONM-ABO Guraandhala 27, 2024
Afaaniin waltajjiilee adda addaa irratti kaabinoonni sadarkaa olii hanga gadiitti jiran akka waan uummata isaaniif dhukkubsatanii of fakkeessuun yeroo hawaasa goyyomsuuf yaalan ni mul’ata.
Haa ta’u malee gochi isaan afaaniin dubbatanii fi dhugaan gochoonni isaan hidhattoota waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti raawwatan hanga ardiif samii wal irraa fagaata.
Guyyoota sadiif duula saamichaatti kan jiran hidhattootni murna bilxiginnaan hawaasa nagaatti bobbaafaman Guraandhala 24, 25 fi 26 qabeenyi namoota hedduu godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Ijaarii fi Yareer keessatti saamameera.
Ganda Gobbii Ijaarii keessatti Guraandhala 25, 2024 nama nagaa Misgaanuu Tolaa Dabalaa jalaa buna kuntaala 10, Boqolloo kuntaala 12 fi mi’oota mana keessaa hedduu, Misgaanuu Maammoo jalaa qabeenyaa isaa erga saamanii booda isaa fi namoota maqaan isaanii; Iggazuu Raggaasaa, Mahammad Taaddasaa fi Abiraam Ayyalaa jedhaman waliin reebicha hamaa irratti raawwachuun mana hidhaatti galchuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Akkasumas ganda Yareer keessattis guyyaa kaleessaa Guraandhala 26, 2024 nama Dirribaa Zarihuun Hordofaa jedhamu jalaa buna kuntaala 16 jalaa saamuun mi’oota mana keessaas jalaa caccabsanii jiraachuu fi gandicha keessatti qabeenyaan namoota hedduu saamamuu jiraattonni ibsaniiru.

