Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti daai’mni umrii 9 tokko ji’a lamaa oliif hidhamee jiraachuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Namoota nagaa  siyaasa keessatti qooda hin fudhanne ergamtoonni sirnichaa gubbaa hanga gadiitti jiran sobanii ragaa qabatamaa fi fudhatama hin qabne fayyadamuun gochoota dabaa uummata nagaa irratti dalagaa jiru.

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Ijaarii keessatti kaabinoonni fi  waraanni sirnichaa waliin ta’uun nama maqaan isaa Misgaanuu Tolaa jedhamu jiraataa ganda sanaa kan ta’e waggoota sadiif dura ilaalcha WBO qabda jechuun manaa ar’ianii akka inni bosonatti baqatu dirqamsiisanii turuu jiraattotni dubbatu.

Namni Kunis lubbuu isaa oolfachuuf jecha maatii isaa dhiisee akka baqatu waan dirqameef erga inni mana isaa keessaa baqatees mana isaa mi’a mana keessaa waliin jalaa gubuun maatii bakkeetti facaasanii dararaa hamaa irraan ga’aa turuus jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Erga inni baqatees maatii isaa hunda lafa hundatti adamsuu fi qabeenyi isaaniis erga addaan faffaca’ee kaasee mucaa isaa mana namaa taa’ee baratu ji’oota lamaan dura mana barumsaa irraa daa’ima umurii 9 maqaan isaa Lalisaa Misgaanuu jedhamu erga qabanii hidhanii hanga har’aatti mooraa isaanii keessatti dararaa akka jiran jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Gochi daa’ima kana irratti raawwatames gara jabummaa daangaa hin qabnee fi egeree uummata keenyaaf yaaddessaa kan ta’eedha jechuun dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version