Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalogii Walalitti hidhattoonni maafiyaa Bilxiginnaa uummata saamuu, hidhuu fi dirqamaan gara leenjii milishummaatti ergaa jiraachuun eerame 

ONM-ABO Amajjii 13, 2026 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu keessa qubsiifamanii kan jiran hidhattoonni maafiyaa Bilxiginnaa uummata nagaa irratti gochawwan akka saamichaa, reebichaa, hidhaa fi dararaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akkuma kanaan ganda Akuukkuutti jiraataa bakka addaa Oddo-bal’aa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Madaksaa Andashaa jedhamu gaafa Amajjii 7, 2026 ganama gareen badii fi saamicha uummata Oromoo irratti bobba’anii argaman waraanni Bilxiginnaa dukkaana isaa cabsanii qarshii 50,000 olii fi meeshaalee dukkaanaa kanneen akka dhugaatii lallaafaa adda addaa fi wantoota nyaataman hedduu jalaa saamuu jiraattonni bakkichaa ifoomsaniiru. 

Kana malees gaafa Amajjii 11 immoo namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Namoomsaa Likkaasaa,
  2. Obbo Qaddamuu Goobanaa,
  3. Obbo Geetuu Qamuu fi 
  4. Obbo Madaksaa Andashaa 

kanneen jedhaman dirqamaan gara leenjii milishummaatti erguuf maatii isaanii irraa ukkaamsuu jiraattonni addeessaniiru. 

Namni Obbo Namoomsaa Likkaasaa jedhamu kun bara darbes dirqamaan leenjifamee miseensa milishaa Bilxiginnaa kan ture yoo ta’u, innis qawwee isaatiin nama nagaa rukutee ajjeesuu hordofee yeroof to’annoo seeraa jala kan ture fakkeessanis murni ajjechaa lammiilee nagaatti gammadu Bilxiginnaan dhiifama siif goonee qawwee sitti deebifnaa ittiin jechaa turuu jiraattonni addeessaniiru.

Namni kunis yakkan dalalgetti murtii seeraa fudhadhee adaba koo xumureen maatii kootti galuu barbaada malee tasuma qawweetti hin deebi’u jedhee mormuun erga mana hidhaarraa baafamee mana isaatti galee ganna darbe hojii dhuunfaa isaa hojjetachaa kan bahe yoo ta’u, ammas dirqama hidhattee hojjechuu qabda jechuun humnnaa fi afaan qawween dirqanii ukkaamsuun eerameera. 

Murni mancaatii lubbuu fi dinagdee geggeessuun uummata Oromoo balleessuuf carraaqaa jiru Bilxiginnaan, torbanuma darbe keessa jechuun gaafa Amajji 7, 2026 nama maqaan isaa Obbo Madaksaa Andashaa jedhamu kana dukkaana isaa caccabsanii maallaqaa fi meeshaalee hedduu kan saaman yoo ta’u, amma immoo maatii isaa ija balleessuuf gara leenjii waraanaatti erguuf kan ukkaamsan ta’uun barameera. 

Dabalataan immoo haadha daa’immanii kan taate harmee maqaan ishee Birriituu Bulchaa jedhamtus abbaa manaa keetu miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun guyyuma sana ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version