Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti uummata irratti dhukaasuun lubbuun dargaggoo tokkoo darbe

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024

Sabni guddaan aadaa fi duudhaa bareedaa qabaachuu isaaf addunyaan ragaa baatu sabni Oromoo, silaa kabajni kan maluuf akka sabaatti mirga jiraachuu mulqamee golee Oromiyaa mara keessatti guyyaa guyyaan dhiigni isaa akka bishaaniitti dhangala’aa oola. 

Waraanni saamuu, hidhuu fi ajjeesuuf qe’ee uummata Oromootti bobbaafaman waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan bulchiinsa magaalaa Mojoo keessatti Waxabajjii 10, 2024 galgala sa’a 2:00’tti uummata irratti dhukaasuun uummata baayee keessaa dargaggoo maqaan isaa Obsaa Dassaaleny jedhamu barataa kutaa 11’ffaa ajjeesan.

Dargaggoo Obsaan umriin isaa 18 kan ta’ee fi hawaasa isaa, akkasumas mana barumsaa keessatti nama nagaa fi jaal’atamaa ta’uu hiriyootni isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Sirni awwaalcha dargaggoo kanaas guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 11, 2024 raawwachuu himuun, murna ol adeemtota lafa irraa duguugee fixaa jiru kana tokkummaan kaanee yoo of irraa kuffisne malee gaddi qe’ee nama hundumaa seenuun waan hin oolleedha jechuun jiraattotni aanichaa miira aariin guutameen dhaammataniiru.

Exit mobile version