Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti dargaggoon tokko yoo ajjeefamu, aanaa sayyoo keessatti ammoo saamichi jabaate

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023

Impaayera itoophiyaa Dirree lolaa taatee kallattii maraan bosostee diigamaa jirtu keessatti, waraanni sirnichi Oromiyaa akka diiganiif uummata nagaatti bobbaase miira abdii kutannaatiin qabeenya uummataa saamaa lubbuu Ilmaan Oromoos akka baalaa harcaasaa jiru.

Haaluma kanaanis Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Bookee jedhamtu keessatti kaleessa jechuunis Onkoloolessa 16, 2023 waraanni sirnichaa Dargaggoo Yuuyyaa Muummichaa jedhamu rasaasaan tumanii ajjeesuu maddeen himan.

Dargaggoon loltoota sirnichaan ajjeefame kun nama nagaa hirmaannaa siyaasaa hin qabnee fi hojii mataa isaatti bobba’ee jiraatu yoo ta’u, Abbaan dargaggoo Kanaas bara darbe Waraana sirnichaan ajjeefamuus maddeen dabaluun ibsan.

Oduuma Godina Qellem Wallaggaan walqabatuun aanaa Sayyoo keessatti saamichi jiraattota irratti jabaachuu kan himan maddeen, Onkoloolessa 15, 2023 nama Amadoo jedhamu jalaa Doqdoqqee haaraa fudhachuun, Dunkaanni qorichaa nama dhuunfaa maallaqa kuma dhibbatti tilmaamamus waraanuma bilxiginnaan saamamuu dubbatan.

Exit mobile version