ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa mooraa waraana Bilxiginnaa Dhidheessa jedhamu irraa Gurraandhala 25, 2025 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM tokkoo fi hidhannoo qabatee ba’uun mooraa Bilxiginnaa ganee Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jiraachuun ibsameera.
Akka miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kun jedhutti, Bilxiginnaan mooraa isaa keessatti yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu waan hammeesseef miseensotni hafan yaaddoon keessa galuun ganaa akka jiran ibse.
Simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaf taasisetti garmalee gammaduun, loltoonni sirnicha utubuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii fiduun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatanis dhaamee jira.

